News Details

#

#
Waldaan Aksiyoona Fayyaa Waliif dhaabbata umataatti.

Waldaan Aksiyoona Fayyaa Waliif dhaabbata umataatti. Guraandhala 23/2025 Waldaan Aksiyoona fayyaa Waliif dhaabbata nama dhunfaa ykn dhaabbata garee tokko osoo hin taane dhaabbata umataatti jechuun Hojjii gaggeessaan Waldaa Aksiiyoona Fayyaa Waliif Injineer Worqinaa Guddisaa himani jiru. Waldaan Aksiyoona fayyaa waliif bu'aa ba'ii hedduu keessa darbuun meeshaalee yaala fayyaa Teeknooloojiin deggarameen biyya alaa irraa galchuun Hospitaalaa Waligalaa Waliif magaala Hararitti banuu dandeenye jira jechuun Injiineer Worqinaan himani jiru. Waggoota gabaaba kanneen keessatti milkaa'uu kan dandeenye rakkoowani fi qormaata hedduu keessa dabareeti jechuunis himani jiru. Assitti hin dhaabbanu gara fuula duraatti hojjiiwan gurguddoo ummataafi biyyaaf ta'an ni hojjannaas jedhani jiru. Fayyaan faaya qofa osoo hin taane fayyaan jireenya waan ta'eef hawaasni jireenyi isaa fayyaa akka ta'uf Hospitaalli keenya kan hojjatuudha jechuun baka bu'an Boordii waldaa aksiyoona fayyaa waliif Dr Jeeninuus Galata himani jiru.

2025-02-23